“Artist Falmataa Roorroo,
Donation protected
Wellisaa Falmataa Roorroo dhugumatti akkuma maqaa isaa qabsaawaa biiblee aartiitiin roorroo alagaa falmatu akka tahe himana caalaa hojiin isaa dhawwaayxee dubbatti. Dandeettii rabbiin badhaase kanaaniis albamoota baayyee baasee, sirboota qabsoo finiinsan hedduu hojjate. Walaloo barreessee, yadaloon qindeessee artistoota lafaa dhufan baayyeefiis kenneeti jira. Dhiiga dhala oromoo tahee kan Falmataa hin beeyne ni jira ja’ee hin tilmaamu. Yoo jiraatees dhageyaa didaa qofa.
Kan nama fayyisu rabbumaa ilmi namaa ni sababsata. Yoo yaalamee fayyuun dadhabamellee jala muree sabree taa’a. Garuu amma akkamitti qalbiin isaa tasgabbooyti mee? Yaa oroomoo, lammii tiyya duraanuu numaatu waliif qoricha, numaatu waliifiis riqichaa mitiiree? Jibriin wal gargaartee arba hiiti, ja’an abboottiin keenya. Xiqqaafi guddaan keenyaa dhiiraaf dhalaan akkuma hooda keenyaa ammaan duraatti wellisaa keenya jaalatamaa, sabboonaa, qabsaawaa #Falmataa_Roorroo cinaa haa dhaabbannuu. Isiniin qaba jachaa jiraa, siif jirra haa jannuun. Kun dirqama walitti laachuu osoo hin taane waamicha oromumaati!

Organizer
Oromiyaa Wirtuu
Organizer
Minneapolis, MN