Miidiyaa Yooyyaa Yooyyaa Gargaaraa
Tax deductible
Ani Kadiroo Elemoo ti. Waggoota lamaan kana, namni na wallaaluu waan jiru hin seenu. Karaa miidiyaa haawasummaan odeeffannoo fi xiinxala adda addaatiin sagalee karoora badii bilxiginna saaxilaa ture. Ammas saaxilaa jira. Sagalee Qeerroo fi Qarree olfudhudhaan daayaaspooraa fi Oromiyaa jiddutti riqicha ta'uun tajaajilaa jira. Dippilomaasii Oromoon daayaaspooraa hojjatu bira dhaabbachuun sagalee Oromoof ta'aa jira. Akka nama tokkotti osoo hin taanee, of kennuun, akka miidiyaa gurguddaa halkaniifi guyyaa hojjachaa jira.
Sagantaalee kana guddisuu barbaada. Miidiyaa kana, miidiyaa Kadiroo osoo hin taane, miidiyaa uummataa akka ta'u barbaada. Maqaallee Yooyyaa Yooyyaa Miidiyaa jennee moggaasnee jira. Miidiyaa Kadiroo waan hedduu irraa baranne, hedduu jaalanna, akkamiin guddisnaa, akkamiin gargaarraa jechuun yeroo gara garaa na gaafachaa turtan. Kunoo, carraan miidiyaa kana ol guddisuu isiniif uumamee jira. Carraa kanaan, maallaqaan nu bira dhaabbadhaa, nu gargaaraa. Arjooma keessaniin Yooyyaa Yooyyaa Miidiyaa guddisuun, qulqullinnaa isaa dabaluun tajaajila foyyaa'aa isin biraan ga'uu deemna. Miidiyaa kana guddisuuf meeshaaleen ammayyaa fi istuudiyoon nu barbaachiisa. Humna namaa dabalachuu qabna. Hunda caalaa, karaa saatalaayitii odeeffannoo fi xiinxala kana uummata biraan ga'uun Qeerroo fi Qarree dadammaqsuu fi onnachiisuun baay'ee barbaachisaadha.
Yaamicha miidiyaa uummataa (Yooyyaa Yooyyaa Miidiyaa) guddisuuf dhiyaateef owwaadhaa. Miidiyaan meeshaa qabsooti. Miidiyaan humna, miidiyaan qawwee sagalee (dhokaasa) hin qabnee dha. Uummanni miidiyaa qabu sagalee qaba, dhugaa isaa ormii hin awwaalu, quuqaa isaa walitti humatee waliif birmata, wal onnachiisa, haqa isaa kan nyaaphii awwaaluu fedhuu addunyaatti mullifata. Qabsoo Oromoo keessatti duula dhugaa fi haqa Oromoo awwaaluu, duula maq-balleessaa Oromoo irratti geggeeffamu cabsuuf miidiyaalee Oromoo baayyisuun babaarchisaadha. Yeroo kamiyyuu caalaa, miidiyaalee Oromoo jajjabeesuu fi guddisuuf yeroon amma.
Yooyyaa Yooyyaa Miidiyaa gargaaraa, guddisaa, bira dhaabbadhaa.

Organizer
Kadiro Elemo
Organizer
St. Paul, MN
Borana-Taltalle Relief & Dev't Foud'n, inc
Beneficiary