Kennaa altokkichaa miidiyaa ‘’Qaanqee Show’tiif

Story

0% complete

$9,407 raised of 10K

Kennaa altokkichaa miidiyaa ‘’Qaanqee Show’tiif

Donation protected
Kennaa altokkichaa miidiyaa ‘’Qaanqee Show’tiif
Kabajamtoota daawwattoota ‘Qaanqee Show’, waggoota jahan darbaniif ofirratti hirkannoo guutuun gama miidiyaa ‘Qaanqee Show’tiin, ammammoo Sagantaa ‘Gingilchaa’ jedhamu jalatti banuun isin bohaarsaaf barsiisaa jiraachuunkoo hundumaaf ifa. Dhiyeenya kana ammoo akka malee carroomuun Saatlaayitii bilisaa argachuun gamaa ‘Gadaa Bilisumma Channel/GBC’ jedhuun Oromiyaa hundaafi baha Afriikaa maratti sagantaa kana dabarfachuukoo keessumattuu uummanni keenya miidiyaa hawaasaafi Interneetiirraa fagoo jiru gammachuusaa ibsataa jira. Kana dura sagantaan kun gama Yotube’fi Facebook’ qofaan Kan darbaa ture amma garuu daawwattoota hedduu argateera.
Haata’u malee, Saatlaaytiirratti qophiin darbaa jiru kun sababa tokko tokkoon qulqullina sadarkaasaa eeggateen darbuu hindandeenye. Qulqullinni viidiyoo dalagamuu Kaameeraafi miidhagina Istiidiyoo irratti akka hundaa’u beekamadha. Kanaafuu, Kaameeraa haaraa qabaachuuf, gulaalasaa caalaatti miidhagesinee Istuudiyoosaa sirreeffachuufi kan kana fakkaataniif tumsa maallaqaa kan daawwattootakoo barbaachiseera. Kanaafuu Oromoon keessumaa Oromiyaan ala jirtan kamuu kennaa al TOKKICHAA kana qofa miidiyaa keessaniif akka arjoomtan kabaja olaanaan singaafadha.

Arjooma maallaqaan cinattis arjooma beekumsaa, qeeqaa, Youtube’ keenyaa ‘Subscribe’ gochuufi ‘page’ keenya ‘Like fi Share’ gochuun tumsa yaadaafi haamilee akka naaf taataan jaalala Oromummaan isin gaafadha!




Qaanqee Show

12/08/2020

Organizer

Habtamu Lamu
Organizer
Edmonton, AB
  • Creative
  • Donation protected

Your easy, powerful, and trusted home for help

  • Easy

    Donate quickly and easily

  • Powerful

    Send help right to the people and causes you care about

  • Trusted

    Your donation is protected by the GoFundMe Giving Guarantee