Main fundraiser photo

Gargaarsa Artist Nuhoo Gobanaa

Donation protected
Artist Nuhoo Goobanaa haa Gargaaruu !!
===========================


===========================
Artistoota Oromoo hangafoota kanneen sadarkaa jalqabaa irratti beekaman keessaa Nuhoo Goobanaa isa tokko. Artistiin Kun umurii isaa guutuu jireenya dhuunfaa isaa irrati osoo hin taane dhimma uummata Oromoo; aadaa, seena fi siyaasaa Walumaagalati bu'aa ba'ii fi dararama uummatni keenya keessa jiru diinaafiis firaafiis beeksisuu irrati hojjechuun dabarse.

Hunda caala ummatni keenya gabrummaa fi cunqursaa keessa jiru hubatee tokkummaan akka qabsaa'uuf hojii boonsaa hojjechaa ture. Sababa Kanaan biyya ambaati godaanee hanga yeroo dhihooti hojii isaa kana irratti cichee hojechaa ture. Fakkeenya Guddaa ta'uun Seenaa fi amaanaa guddaa dhaloota ammaa kana irratti gatee jira.

Haata'u malee yeroo ammaatti weellisaa Nuhoo Goobanaa rakkoo fayyaa sukkaaraatiin dararamee mana yaalaatti (Hospital) argama.
Artist Nuhoon umurii isaa guutuu uummata Oromoo gargaaraa ture amma immoo gargaarsa uummata Oromoo isa barbaachisee jira.

 kana waan ta'eef Koree yeroo (emergency Committee) namoota torbaa (7) of keessaa qabu kan artist Tsegaye(Sayyoo) Dandanaa gargaaruuf walitti dhufnee turetuu ammas gargaarsa kana qindeessuuf   murteesinee.  Welisaa umrii isaa guutuu dadhabee otoo hin jedhiin jireenya dhunfaa isaa dhisee aadaa seenaa dudhaa oromoo guddisuu fi rakkoo diinii uummata keenya irraan gahu sirboota isaan ibsaa qabsoo guddaa akka gochaa turee hundii keessan ni beektu. Namoota biyya keessa jiran irraa akka dhaggeenyeti qaamni isaas naffatee dhukkuba sukkaaraan qabamee hospital cisee akka jiru dhaggeenyee jira. welistoonii Oromoo warri biyya keessa jiran gargaarsa isaaf kan oluu qophii sirbaa qophesuuf haala mijessaa jiru. kanaaf , nutii warri biyya aalaa jirruu hundii keenya waan humni keenya danda'uun gargaaruun dirqama Oromummaa haa baanu!!

karaa gofundme accoun fi lakkofsa bank account armaan gadii fayyadamun gargaarsa keessan kenu dandessu.

Bank Name: SunTrust
Account#: 1000191044220
Routing#: 061000104
SWIFTCODE: SNTRUS3A .

Dabalataan yaada ykn gaaffii yoo qabaattan karaa email keenya hojii kanaaf jecha baafanee kanaan nu qunnamaa;
Email: [email redacted]


1. Ashannaafii Addunyaa
2. Bayisaa Gammachuu
3. Bokkuu ykn Daani'el Juwar
4. Nimonaa Tufaa
5. Booni Nuurgi
6. Darajjee Daadhi fi
7. Girmaa Beekaa

Osoo lubbuun jirru wal haa gargaaru !

Galatoomaa !!!

Organizer

Ashenafi Muleta
Organizer
Minneapolis, MN

Your easy, powerful, and trusted home for help

  • Easy

    Donate quickly and easily.

  • Powerful

    Send help right to the people and causes you care about.

  • Trusted

    Your donation is protected by the  GoFundMe Giving Guarantee.