Main fundraiser photo

Yoo isin daganne,seenaan nu dagata

Donation protected
yoo isin daganne,seenaan nu dagata

Qaama miidhamtoota taatanii utuu jirtanii sagalee uummata keessanii dhageessistan.Atileet Taammiruu Kaffaleefi Magarsaa Taasisaa, yoo isin daganne seenaan nu dagata!
-
Akkuma beekamu dorgommiin Olompikii bara 2016tti Biraazi, Riyootti geggeeffamee ture. Dorgommii sanarratti gootni keenya atileet Fayisaa Leellisaan mallattoo diddaa uummata Oromoo agarsiisuudhaan dhimma keenya addunyaan akka baru godhee jira. Torban lamaa booda immoo dorgommii "Para Olompikii" kan qaama miidhamtoonni irratti hirmaatantu geggeeffame.Dorgommii kanarratti atileet Taammiruu Kaffalee Damisee fi atileet Magarsaa Taasisaa Baatii (lamaanuu dhibee ijaa kan qaban) hirmaatanii turan.Hirmaachuu qofa miti,sadarkaa gaarii ba'uudhaan meedaaliyaa argataniiru.Atileet Taammiruun fiigicha meetira 1500 irratti rikeerdii warra qaama fayyaatiin qabamee tureyyuu cabsuun isaa ni yaadatama.Haala sana keessattis quuqqaa fi gaaffii uummata isaanii gadi baasuudhaan mallattoo diddaa agarsiisanii irra deebi’udhaan gaaffii keenya addunyaan akka beeku godhaniiru.Sababa kanarraa kan ka'e biyya abbaa isaaniitti galuu waan hin dandeenyeef biyyuma Biraazil, magaalaa #SaoPolo jedhamtutti hafan.
-
Sao Polo keessa Oromoon tokkollee hin jiru.Taammiruu fi Magarsaan Nama afaan isaaniin dubbatu tokkollee utuu hin argiin kunoo waggaa lama guutan.Bilbilaanis ta'e barreeffamaan namni isaan gaafatu hin jiru. Ijoolleen sun akkam ta'an, maal keessa jiru jedhee facebook irrattillee namni maqaa isaanii dha'u hin jiru.Amma immo haala baay'ee hamaa keessatti argamu.Gargaarsa xiqqoo yeroo sana karaa Dr.Solomon Ungashe walitti qabameefii ture mana yaalaatti fixan.Jireenyiifi qilleensi biyya sanaa atileetota keenya kana gidirse.Lamaanittuu dhibeen hammaatte.Magarsaan amma yoonaa hospitaala ciisaa jira.Iji isaa lamaanuu Opireeshinii ta'eera.Taammiruun immoo Magarsaa biraa ka'ee hojii humnaallee hojjetee of jiraachisuu hin dandeenye.Yoo inni daqiiqaafillee biraa deeme namni Magarsaa qabee gadi baasee mana fincaanii geessu hin jiru.Abdii kutatanii,akka nama lammii hin qabneetti halkanii guyyaa boo'u.
-
Jara kana yoo daganne seenaan nu hin dagatuu? Hin taajjabamnuu?Gidiraan isanii kun nu hin gaafachiisuu?Yeroo Oromoon abdii haaraafi jireenya gammachuu horachaa jirutti jarri kun hospitaala biyya ormaa keessatti hafuun isaanii nu hin gaddisiisuu?Nutti hin dhaga'amuu?Maal wayya fira koo? Mee mala nuuf malaa.Ijoollee kana yoo xiqqaate biyya abbaa isaaniitti deebisuu qabna! Dhaamsa kana akkasitti kan qindeesse obbo Lataa Qana’ii Aagaa abbaa waloodha. 
Teessoo isaanii:
                                 Bilbila: +5511964312356
                                  Facebook: Furi Kefeyalew
Ergaa kana share goonee nama hunda biraan ga'dhaan dirqama lammummaa keenyaa haa baanu!



Donate

Donations 

  • Berhanu Adenew
    • $30 
    • 5 yrs
Donate

Organizer

Eticha G. Fufa
Organizer
Minneapolis, MN

Invite friends to start a GoFundMe

Know someone who could use a fundraiser like this one? Encourage them to start their own fundraiser.

Your easy, powerful, and trusted home for help

  • Easy

    Donate quickly and easily.

  • Powerful

    Send help right to the people and causes you care about.

  • Trusted

    Your donation is protected by the  GoFundMe Giving Guarantee.